Duraan duursinee kabajamtoota Qopheesitoota SBO FI gootota waraana bilisummaa Oromoo akkasumaas ummata oromoo maraan baga guyyaa goototaatiin isin gahee janna.
Itti aansuudhaan nuti miseensoonii ABO FI Hawaasin Biyya Jarmanii magaalaa Würzburgiitti argamnnu Ebla 25.2009 Guyyaa goototaa sirna oowwaan kabajannee ollee jirra. Sirni kabajaa kun Guyyaa sa`aa 12-18ti itti fufee oole. Sirni kun akkumma aadaa Ebbaan eega banamee booda yaadanoo goototaatiif dhungoon qabsiifamee; Faarfannaan faaruu Alaabaa itti fufe. Ittt aansuudhaan bakka buaa konyaa Firaankfart kan tahan J/ALI MUHAMMED KASSIM haasawa banuudhaan,Guyyaan kun guyyaa seena qabeessaafii guyyaa kabajamaa tahuu saatiin Ummata oromoo biraati iddoo guddaa kan qabuufii kan joomiyyuu hindagatamnne tahuu saa ballinaa hirmaattotaaf ibsanii jiru. Itti dabaluun dhiignni gootota Oromoo bakka adda addaati Moottummoota Habashootaatiin dhangalaye kan akkanumatti hafu osoo hintahin kan bakka bu`oota saaniitiin kafalamu tahuu eeranii jiru.Kana gochuudhaaf karaa tokkichaafii furmaanni jiru jaarmaa keenya kan ABOn duurfamu jalatti hiriiruudhaa waan barbaachisu hundaan cinaa dhaabbachuu WBO Cimsuu duwwaatuu furmaata jedhanii jiru.
Itti aansuun marii ballaa hirmaattotaan wajjiin erga godhanii booda ibsa ejjanoo armmaan gadii kana baafachuu milkkiin xumurannee jirra.
INJIFANNOON UMMATA OROMOOF GADAAN GADAA BILISUMMAA
Ebla 25 bara 2009
Würzburg, Jarmanii